Haala yeroo ammaa Impaayera Itophiyaa ilaalchisee

amaan4Ummatni Oromoo fi Dargaggootni akkasumas Qabsaawotni hundi injifatnoo hanga amma
kuufame tikfataa akka Fincila Xumura Qabrummaa finiinsuun galii isaa saffisuu irratti
hojjatamu oromoon gadi jabeessee hubachiisa.
Hiraarri, cunqursaa fi saaminsi daangaa dabre ummatoota Itophiyaa hifachiisee hundinuu karaa adda addaa mormii isaa akka dhageessisu taasisuu irraa Itophiyaan Wayyaaneen bulfamtu yeroon itti tasgabboofte hin mul’atne. Sirni gabrummaa, bittaa abbaa irrummaan durfamu, ummatoota lafa irraa buqqaasuu dhaan ofii fi waaheloota isaa saaminsaaf hiriiran waliin ummatoota sadarkaa kanaan dura mul’atee hin beekneen hiyyoomse. Salphinaa fi gadadoo mul’atee hin beekneef saaxile. Haallan ummatoota irra gahan kanneen keessatti kan ummata Oromoo ammoo addatti ilaalama.
Har’a ummatni Oromoo mirga seeraa fi uumaan qabu beekee yeroo kamiinuu olitti mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaatiif aarsaa gosa hundaa baasuun fincillii fi qabsoon finiinsaa jiru ummata Oromoo, sabboontotaa fi kan haqaaf dhaabbatan mara boonsaa fi hawwataa jiraachuun haqa ifatti mul’ataa jiru dha. Ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummatoota cunqurfamoo bittaa Wayyaanee jalatti hacuucamaa jiran maraaf fakkeenya tahuun mirga isaaniif akka falmataniif onnachiisee fincilaaf kakaasaa jira yoo jedhame dhugaa irraa fagaatuu hin tahu. Fincillii fi qabsoon ummata Oromoo ofii fi kanneen biroo biratti akka dhaga’amuu fi akka fakkeenyaatti akka ilaalamu kan taasisuu danda’e, ilmaan Oromoo, Gabrummaan nurratti haa dhaabbatu! Dhaaloota itti aanu gabrummaa hin dhaalsisnu! jechuun hogganummaa Qeerroo fi qabsaawota bilisummaa jalatti gurmaa’anii mootummaa abbaa irree irratti fincilaa jiru. Sochiin FXG ABO karoorfamee Qeerron moggaafamee baatii sagalii oliif Oromiyaa guutuu keessatti adeemsifamaa jiru sadarkaa kana kan dhaqqabe aarsaa ulfaataa miseeesota ABO, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo qofaan tahuun dagatamuu hin qabu. Fincilli eenyummaa Oromoo agarsiisee fi qabsoo ummata Oromoo boqonnaa haaraa seensise kun sadarkaa kanaan gahuuf marsaa fincilaa ammaa kana qofatti ilmaan Oromoo 2000 ol tahan gatii lubbuu baasanii jru. Kumootaan kan lakkaa’aman wareega qaamaa fi qalbii waan baasaniifi. Kanneen manneen hidhaa faashistootaa keessatti gidirfamaa jiran kuma kudhanootaan lakkaa’aman sodaan alatti mootummaa kana dura waan dhaabbataniifi. Fincilli Xumura Gabrummaa karoorfamee, humni namaa kana gaggeessuu itti leenjifamee wayta labsametti alagaa hafnaan lammiileen Oromoo hedduu illee dhimma ummata Oromoo fuula dura furgaasuun dhageettii fi mararfannaa argamsiisa jedhanii kan yaadan murtaawoo turan. Kan deggeruu fi tumsuuf tattaafate irraa diinaa fi masaanuu qabsoo Oromoo waliin kan qeeqanii fi komii tarrisaa turan irra heddummaatu. Kanneen Fincilli Qerroon labsamuun dogoggora, ilmaan ummataa ficcisiisa”, jechuun ABO yakkan of booda mil’atee kan ilaaluuf,rakkina hubannaa fi akeekaa jiraachuu arga.
Har’a bakka geenye kanatti injifatnoo argame kan ofitti maxxansu heddummatuu qofa osoo hin tane gara dabarsuuf kan foolatu argaa waan jirruuf sochiin ummatni Oromoo mootummaa
abbaa irree hundee raasaa jiru galii akeekkatee ka’eef irraa akka hin maqne tiksuun dirqama
ummata Oromoo fi qabsaawotaa wareega itti baasaa jiranii ti. Kanneen fincilli ummata Oromoo jabaatuu isaa arguu fi hubatuu irraa cinaa irraan saaqatanii karaa irraa maqsuun galii biraa ittiin guuttatuu kajeelan of irraa tiksuunis dirqama kanneen Oromoo biyya isaa irratti aangoomsuuf qabsaawanii ti.
Ummatni Oromoo Fincilli Xumura Gabrummaa adeemaa jiru keessatti aarsaa dorgomaa hin
qabne baasuun sadarkaa amansiisaa fi abdachisaa irraan kan gahe olloota isaa argee ka’uu irraa miti. Haqni mul’ataa fi qabatamaan kan fakeenya godhatanii mirga isaaniif akka falmatan kan onnachiise sochii FXG Oromiyaa keessatti qabsawotni ABO fi Qeerroon finiinsan tahuu
agarsiisa. Kanneen sochiilee biroo olloota Oromoo keessatti adeemsifamu irraa baratuu qabna, fincilli ummata Oromoo bifa kana qabaatuu qaba jedhanii qajeelfama dabarsuu ummata Oromoo afanfajjeessuu irra dabree akeeka ummata Oromoo bakkaan gahuu irratti gumaachi qabu murtaawaa tahuu hubatuu qaban. Kana malees FXG ummatni Oromoo yeroo dheeraaf itti jiru fincila yeroo murtaa’aaf adeemsifame waliin wal bira qabuudhaan madaaluun wareegama ummataa gadi xiqqeessuu qofa osoo hin taane wareegamaa fi akkasumas ulfina gaaffii ummata Oromof kabajaa dhabuu dha.
Ummatni kamiyyuu mirga isaaf qabsaawuun haqa isaa ti. Mirga uumaa fi seeraan ummatootni
qaban kabajamuufii qabaanis ejjannoo ABO ti. Haa tahu malee hiriira guyyoota murtaawaaf
adeemsifamee fi jijjiirama hundee hin argamsiifne, gaaffii fi qabsoo mirga ummata Oromoo
barootaaf deemaa jiru irratti ejjannaa ifaa hin qabneen mirqaanee akeeka wal hin simne walitti harkisuun ejjannoo ABO miti. Kan akeeka ummata Oromoo tarkaanfachiisuu fi galii isaan gahu ammas taanaan hundaan olitti of irratti abdatuu fi amantaa guutuun Finccila Xumura Gabrummaa labsame deemaa jiru ofii jabeeffatuu qofa. Jabaan hin jibbamu. Hundatu faarfata. Hundatu waliin mul’atuu barbaada. Itti dhihaatuu, faarfatuu fi waliin mull’atuuf carraaquun maaliif isa jedhu ammo kan adda baafatu abbaa dhimmaa taha.
Har’a FXG durummaa ABO fi Qeerroon finiinaa jiru dhihoo irraas tahe fagoo irraa qajeelfama
hin barbaadu. Akkuma kanaan dura wayta hamtuu murannoo fi bilchinaan hojjatuun diina
raasaa har’a gahe fuula duras muranno qabuu fi muyxannoo horate gabbifataa fincila isaa akka finiinsu anjessuun dirqama hunda keenya irra jiru dha.
Qabsaawotni ABO fi Qeerroon Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa irraa gara Fincila Xumura
gochuun ummata Oromoo biyya isaa irratti aangomsuufi. Ummatni Oromoo ajaja alagaan alatti bilisummaan jiraachuun haqa isaa tahuu hubatuu isaa ti. Ummatni Oromoos dhalaa dhiiraan, guddaa xiqqaan , Bahaa Dhihaa, Kaabaa Kibbatti kan fincilaa jiru dhugaa kana hubatuu isaati. Kan fincila isaa gaggeessaa tures akka isaaf mijatee fi aanja’etti malee ajaja fi Qajeelfama Wayyaanee fi bakka biraa irraa itti dabarfamuun hin turre. Waan taheef har’as ummatni Oromoo kanneen qabsoo fi fincila inni geggeessaa jiru irratti abbaa tahuu barbaadan, sochii ummata Oromootti cancala gochuun gara barbaadanitti oofuu barbaadan ofirraa to’ataa qajeelfama qaama sirnaawaa fi seerawaa kanaan duraa irratti hundaa’uun fincila isaa akka kanaan duraatti akka finiinsu qeerroo fi ABO ni hubachiisa. Kanneen fincila deemaa jiru irratti ejjannoo ifaa hin qabne, gamaa fi gamana utaalanis ejjannoo isaanii ifa gochuun gufatiinsa irraa akka baraaran hiree kanaan ABOn yaadachiisuu barbaada.
Ummatni Oromoo fi Dargaggootni akkasumas Qabsaawotni hundi injifatnoo hanga amma
kuufame tikfataa akka Fincila Xumura Qabrummaa finiinsuun galii isaa saffisuu irratti
hojjatamu akka ilma oromoo tokkotti gadi jabeessee hubachiisa.
Injifatnoo Umamta Oromoof.

The writer of this article can be reached amanuelbadhane2015@gmail.com

Advertisements

Labsiin Yeroo Hatattamaa Wayyaanee Aangoo irra tursuuf Wixxifata Mayii ti

oromoprotests-against-the-ethiopian-regime-fascist-tyranny-join-the-peaceful-movement-for-justice-democracy-development-and-freedom-of-oromo-and-other-oppressed-people-in-ethiopiaLabsii yeroo hatattamaa mootummaa haala gara garaa irraa labsamuu danda’a. Mootummootni labsii hatattamaa wayta haalli addaa biyyaa fi ummata biyyaa irratti yaaddoo uumuu fi balaa dhaqqabsiisa jedhanii yaadan uumamutti labsan.  Labsiin akkanaa ummataa fi biyyaaf dhimmuun labsamu mootummoota dimokraarawaa jalatti mul’ata. Labsiin Hatattamaa Wayyaanee Onkololessa 9, 2016 garuu mootummaa fi ummatootaa Itopiyaa balaa irraa hambisuuf osoo hin taane Wayyaanee/TPLF kufaatii irraa lubbuu itti dheeressuuf qofa kan labsame dha

Mootummaan Wayyaanee/TPLF labsii yeroo hatattamaa Onkoloolessa 9, 2016  murtii mana marii ministorootaan dabarfame Manni Marii bakka bu’ootaa hin raggaafne karaa Muummicha Ministeraa Wayyaanee Dessalenyi H/Maariyaamiin labsamee jira. Labsiin yeroo hattattamaa kun kan isa jalqabaa miti. Bara 1992 labsa fakkaataa prezidaantii alasii Mallas Zeenaawiin lola labsameen lammiileen Oromoo bakkayyuutti ajjeefamaa fi hidhamaa turan. Sababa labsii kanaan manneen hidhaa akka Huursoo fi Dhidheessatti lammiileen Oromoo daa’imaa hanga jaarsaatti kumma kudhanoota hedduun hidhamuu irraa lubbuun namota hedduu mooraa hidhaa kana keessatti dabreera. Hedduun ilmaan Oromoo mooraa kana keessatti Wayyaaneen giddirfamuu irraa  qaamaan hir’atuu  har’ayyuu ummata Oromoon ni yaadata.

Labsiin Onkoloolessa 9, 2016 labsame kan deemaa ture ifa gochuu irraa kan hafe ummatni Oromoo waggoota 25 dabraniif labsii fakkaataa jala ture jechuutu danda’ama.  Ajaja dabballootaa fi milishaa gandaa irraa hanga qondaalota ol aanaattiin  hidhamaa, ari’amaa fi ajjeefamaa ture.  Ajjeechaa fi hidhaan dorsisanii ummata Oromoo to’achuuf, sirna abbaa irrummaa itti fufsiisuuf kan hojii irra oolfamuu Oromiyaa irratti garee Wayyaaneen kan durfamu Command post ijaaramuu  Muddee 15/16 2015 H/Mariyaam Dessalenyii fi Getachoo Raddaan kanaan dura labsameera. Dabalataanis Oromiyaa bakka 8-tti qooduun bulchinsa Waraanaa jala galchuu dhaan tarkaanfii barbaadan fudhataa har’a gahan.

Mootummootni dimokraatawoo labsa yeroo hatattamaa kan baasan biyyaa fi ummata irra balaa gahu to’atuu fi xiqqeessuuf jecha. Wayyaaneen garuu labsa yeroo hatattamaa kan baasate, ummataa fi biyya irra balaatu gaha jedhee yaadda’uu irraa osoo hin taane, aangoon humnaan dhuunfatee jiru mormii ummatootaa nagaan gaggeeffamaa tureen gaaffii jala galuu irraa ti. Kanaaf labsiin yeroo hatattamaa kun Wayyaanee aangoo irratti tiksuuf baafame. Labsa kanaanis lammiilee biyyaa irratti tarkaanfii fedhan fudhachuuf itti gargaaramu. Ajjeechaa fi hidhaa  gara jabinaa bal’inaan  gaggeessuun of jireessuuf itti fayyadamu. Yaada ofii ibsachuu, wal gahii godhatuu, karaa nagaa sagalee dhageessifatuu fi mirgootni bu’uraa kan biroo labsii kanaan ugguramoo tahu.

Ummatootni Itophiyaa hanga har’aa kan jiraatan bittaa murna gabaabaa jalatti ajjeefamaa, hidhamaa fi irratti roorrifamuun malee akka lammiitti mirgi seeraa fi uumaan qaban kabajameefii miti.  Addatt ammo ummatni Oromoo kan mootummaa kanatti xumura gochuun qaba jedhee tokkummaan ka’uun mormii karaa nagaa kan finiinse roorroon itti hammaatuu irraa ti. Waan taheef ummatni Oromoo har’as taanaan mootummaa naatoo isaaf hin qabne kana of irraa jigsuuf qabsaa’uun mirga isaa ti. Mirga isaa kana uguruuf golgaa labsii hatattamaan duula irratti baname of irraa ittisuufis mirga guutuu qaba. Kanaaf ummatni Oromoo waadaa qabsoo bilisummaaf seene, akkasumas, walii isaa gidduutti seene kabajuun mootummaa kanatti xumura gochuuf falmaa isaa akka itti fufu ABOn labsa.

Kanuma waliin ummatootnii Itopiyaa hundi dhimmi mootummaa faashitii Wayyaanee of irraa maqsuu dhimma Oromoo qofa akka hin taane hubatuun nagaa, dimokrasii fi mirgi namummaa fi nageenyai nama tikfamuu kan hawwanii qabsaawaa turan hundi waliin socho’uun akka labsii hatattamaa gara jabinaan ummata irratti labsame kana fashalsuu fi mootummaa kana karaa irraa maqsuuf socho’an gadi jabeessinee ummatootaa hunda hubachiifna

Rahma Kalil Deutschland Irra

Injifannoo Ummata Oromoof!

The writer of this article can be reached rahmakalil23@gmail.com